Qabsoon Bilisummaa Oromo Essaa Ka’ee Eessa Gaye?
Seensaa
Oromoon jaarraa hedduuf ummata walaba ta’e aadaa fi, sirna ofin, bulaa tureedha. Sirni Gadaa, Oromoon ittiin bulaa ture, bu’ura dimokiraasii isaa ture. Haata’uuti bara 1880 fi 1890 keessa Abisiniyaan Oromoo koloneefatee jira.
Osoo hin koloneefatamin dura, walabummaan biyyaa isaa akka hin tuqamnetti humnoota koloneefata dura dhaabachuun qabsoo adda addaa gochaa ture. Edda koloneefatamee boodas qabsoo bilisummaa geggeessa jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo inni caalaatti beekamu qabsoo Adda Bilisummaa Oromootiin (ABO) geggeefamaa turedha.
Haata’utii hundeen qabsoo ABO qabsoolee Oromoon bifa adda addaatiin gaggeessa ture. Kanaaf qabsoolee Oromoo fi muxannoon irraa barame maal akka ta’e hubachuuf fakkeenyota ijoo ta’an tokko tokko kaafnee laaluu yaalla.
Walabummaa Oromiyaa Eeguuf Diddaa Oromoon Weerara Koloneefataa Minilik Irratti Godhe
Oromoon walbummaa biyya isaa eeguuf wareegama guddaa baasee jira. Keesumattuu ummatni Oromoo Arsii, weerara Menelik dura dhaabatee ture. Ammas ittii jira. Falmii heedduu irratti weerartoota Menelik kan meeshaa waranaa ammayyaa Awroopa, keessattuu Ingliz, Xalianii fi Faransaay irraa argatee amma funyaaniittii hidhatee ittii dulee sadarkaa adda addaa irratti mohee ofirraa deebiseera. Bifa kanaan waggoolee 7 ol weerara Minilik dura dhaabateera.
Walabummaan Oromiyaa akka hin sarbamneef falmin ummaanni Oromoo Arsi godhee fi warreegamni inni baasee kana kan hin jedhamne heeddu guddaa ture. Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessattis iddoo guddaa kan qabuudha.
Haa ta’utii, Minilik caalmiyaa meeshaa waranaa ammayyaa biyyoota Auropaa, irraa argatee fi gorsaa fi deeggersa teeknikaa isaaniitiin diddaa Oromoo cabsuu danda'era. Meeshaan waranaa ammayyaa loltoonni Minilik dhimma itti bahaa turanii fi kan Oromoo tasa wal hin gitu ture. Oromoon kan dhimma itti bahaa turee, meeshaa aadaa mancaa, eeboo fi gaachana ture.
Caalmiyaa meeshaa waranaa ammayyaa fi gorsa biyyoota Awroopaa irrattii dabalee Oromoon akka salphaattii humna Minilikiin akka mohamu kan taasisee - dhaloon hardhaa irraa barachuu kan qabu keessaa:
- Sirni Gadaa dadhabuu fi Oromoon hoggansa giddugaleessaa fi tokkummaa dhabuu,
- Namoonni dhuunfaa Oromoo ta’an sirna Abbaa lafaa fudhachuun Menelik waliin dhaabachuu, ykn tumsa uumuu,
- Toftaa garajabummaa fi waraana waliigalaa Menelik akka turan seenaa keessatti ni beekkama.
Giddugaleessaa fi Tokkummaa Dhabuu
Akkuma sirni Gadaa laafaa dhufee fi hooggansoonni Oromoo faffaca’aa turan humni Oromoos faffaca’aa ture. Kanaaf caasaa giddugaleessa sirni Gadaa kan sochiilee Oromoo maraa akka sochii biyyooleesaa tokkootti gurmeessee humna weeraraa Minilik dura dhaabbatu kan dandeesisu hin ture.
Kun kan agarsiisuu sabni tokko amma fedheeyyuu guddaa yoo ta’ees sirna ittiin bulee walbulchuu fi dhaaba ykn jaarmiyaa isa tokkoomsu hin qabne dhuma irratti waraana kamiinuu ni mo'ama. Kan Oromoo quunnamees kanuma ture.
Jiraachuu Namoota Dhuunfaa Oromoo Menelik Waliin Dhaabbatan
Minilik Oromoota akkasi dhima itti bahuun Oromoo gargar baasuun tokko tokkoon sochiilee Oromoo turan mohuu danda’era. Dhaloon Oromoo ammaa kanarraa baratuu kan qabu rakkinni sun dhaloota irraa dhalootatti darbee ardhallee dadhabina Oromoo isaa guuddaa keessaa tokko ta’ee jira.
Ummata Oromoo tokkummaa dhabsiisuu fi afanfaajjeesuun rakkoo gudda ta’ee muldhata. Kanaaf dhaloonni ammaa kana irra aanuuf, ayyaal(n) laalattummaa fi gantummaa dura ciminaan dhaabachuu qaba. Akkasumas, ummanni Oromoo, Oromoota akkasii, dantaa mataa isaanii iddoon gahuuf kan maqaa isaatiin nagadan (dalallan), kan kutaa-kutaan, amantaa fi gareen isa qoodan irraa of eeguu dandahu qaba.
Kanaafis yeroo dha yerootti walbarsisuu fi hubachiisuun barabachisa ta’a. Sabni Abbaa biyyummaa fi sabummaa isaa irratti tokkumma hin qabanne karaa nagaas ta’ee karaa qabsoo hidhannoos injifatee iddoo barbaade hin gahu. Kan qabus tikfachu hin danda'u.
Tooftaa Gara Jabummaa fi “Waraana Waliigalaa”:
Waraannii Minilik waraana waliigalaa (structured and centralized command) kan ta’e ture. Tooftaan inni dhimma itti bahes hedduu suukanneessaa fi kan duguuggaa sanyiirratti hundawe ture. Fakkeenyaaf, Oromoon Arsi gootummaa fi diddaa jabaan waan isa dura dhaabbateef, waraanni Minilik tooftaa ajjeechaa jumlaa fi harkaa if harma muraa, walumaa galaatti, Oromoo hamilee cabsuuf jecha duguuggaa sanyiitti fayyadameera.
‘Seenaan irra deddeebi'a’ akkuma jedhamu, ardhallee Oromiyaa dhiyaa (Wollaga), keessattii morma Oromoo murani ittiin geerarun, Oromiyaa Kaaba (Walloo) keessattii Oromoo ajjeesanii reenfa isaa ijooleen umurin xixiqqoo (xixinnoo), beekumsaan hammeenyaa fi nageenya adda basuu hin dandenyee reenficha dhidhiitun akka irraatti sirban, akkasuma mana hidhaatii hidhamtoota baasanii lubbuun osoo jiran gubuun, jamana ammaa keessatti Finxaaleeyyii Fannoottin gageefamera. Kana irraa dhaloon Oromoo amma jiru maal baratee ummata Oromoo qopheesa kan jehdu gaaffi guddaadha.
Oromoon Edda Mohamee Koloneefamee Booda
Oromoon akkuma mohamee kolonii Nafxanyaa ta'ee booda sirni Nefxenya:
- Oromoo lafa isaa irraa fudhatee, irraa buqisee abaa lafummaa irraa gara gabbar (serf)tti jijjire,
- Qabeenya isaa saamee karaa dinagdee dadhabsiisee iyyummaaf isaa saxile,
- Sirna Gadaa, amantii isaa, keesumattuu amantii Waaqeffannaa fi caasaa hawaasa isaa diigee tokkummaa dhabsiise,
- Kan aadaa, afaanii fi seenaa isaa ukkamsee eenyumaa isaa dhabsiisu, ynk, walalchisu irraatti ijaare,
- Bifa kanaan haamlee Oromoo cabsuun, mirga isaa deeffachuuf akka walqabatee tokkummaan hin sossoone gochuuf heedduu irraatti hojjetamee jira.
Kun hundi ta’ee Oromoon ammalee Oromoota saboonaa kan mirga saaf falman ofkeessaa horatee qaba. Oromoon akka waligalaatti, gaafa humna Abyssinia jaaltii kufee, calqabee mirga isaa deeffachuuf humna koloneeffata irraatti bifa adda addaan qabasoo gageesaa tureera.
Finciloonnii kun bifa adda addaa fi yeroo adda addaattii ta'aa turan:
- Oromiyaa Baha kan akka Arfan Qaldhoo, qabsoo aadaa irratti hundawee gaggeesaa ture.
- Oromiyaa Dhihaa keessattii, Konfedereeshiniin Oromoo Dhihaa (1936) Oromoon mootummaa mataa isaa qabaatee ofiin ofbulchuu akka fedhu league of Nationiif (Liigii Sabootaf) gaffii dhiyeesee ture.
- Oromiyaa Kaaba keessatti Oromoon Rayyaa – Azaboo akka humna riphee lolaatti of gurmeesun motumaa Haile Selassie irratti fincila gaggeesaa ture.
- Oromiyaa Kibba -Bahaa keessattii fincillii diddaa kolonii Baalee keessattii General Waaqoo Guutuun bara 1963-1970 gaggeefamaa ture.
- Sochiin Waldaan Walgargaarssa Maccaa-Tuulamaa (WWMT) bara 1963-1967, kan hundee saboonummaa Oromoo hundeessaa (the basis of Pan-Oromo Nationalism) ta’ee sochiillee turan keessa tokko.
Fincilloonnii (sochiileen) jalqaba 1960moota amma 1970tti ta’an, keesumattuu sochiin Baalee keessatti ta’ee fi WWMT qabsoo hidhannoo bara 1973 maqaa Adda Bilisumaa Oromoo (ABO) jedhuun bu’uurfamee saganta siyyaasaa isaa bara 1976 tumatee qabsoo wal irraa hin cinnee gochaa tureef hundee akka ta’an beekama. Abbootiin keenya, kan akka Jaarraa Abbaa Gadaa, Muldhis Abbaa Gadaa fi kan kana fakkaatan Oromiyaa Bahaa keessaa bahanii akka sochii Baalee keessatti qooda fudhatan seenan ni ibsa. Kunis qabsoo Oromoo keessattii fakkeenya boonsaa fi kan saboonummaa Oromoo hundeessaa (Pan-Oromo nationalism) calaqisu ture.
Akkasumattuu, WWMT hundee saboonummaa ABOn irraatti hundawee bu’uureefamee, kan Oromoo hunda hammatuudha.
Saboontota Oromoo kutaalee Oromiyaa hunda keessaa waltifidun wal-hubannoo fi walin dhaabachuun tokkuummaa fi saboonummaan Oromoo akka dagaagu gochurratti WWMT shora guddaa xabatee jira. Kanaaf, waldaan kun bu’uura sabboonummaa Paan-Oromoo kan ABOn irratti hundaahee qabsoo bilisummaa gaggeesa turee dha. Miseensoni WWMT heedduun isaanii miseensota ABO ta’un qabasoo walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo sadarkaa adda addaatti – hanga hoggana -gaggeesaa kan turan heedduu dha.
Kaayyoo siyaasaa biyyoolessaa iftoomina qabu dhabinsa laalchisee, akka duubattii deebnee laalu nu dirqisiisa.
- Dhabiinsa tokkummaa siyaasaa Oromoo,
- Sirna qabsoo ittiin deemsisan,
- Jaarmiyyaa giduugaleesaa fi hogganna tokkummaa dhabuu
- Hidhannoo waranaa ammayaa dhabuu
Keessumattuu dhaloonni amma jiruu, kan ba’aan seena kaayyoo qabsoo walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo isa ganamaa, kan bara 1976 tumamee qabsoon hidhannoo, siyaasaa fi diplomaasii, ittiin eegalamee iddoon gahuun irraa eegamuu kana irraa barachuu danda’a. jeennee amanna
ABOn bara 1973 bu’urfamee, bara 1976 sangnataa siyaasaa lafa kaawwaatee Qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi diplomaasiin eegale. Kunis, ciminaa fi dadhabna qabsoolee Oromoo dura turan irraa barachuun ture. Akkanas ta’ee kana jeechuun dhaloonni seena darbe irraa hin baranee, ciminnii fi dadhabinnii Oromoon amma qabu maal irraa akka madde beekuu hin danda’u. Akkasumas ta’ee, ABOn guutummaattii seena darberraa barateera jechuun hin danda’amu.
Ciminaa fi dadhabina ture irraa gutummaatti yoo baratanii, cimina darbe dhima itti bahuun dadhabina ture akka irra hin deebine yoo irraa of eegan malee gara fuulduraatti iddoo barbachisu gahuun hin danda’amu.
ABOn mataan issaa ciminaa fi dadhabina dura ture seenaa irraa guutummaatti barachuu dadhabuurraa kan ka’ee waan dadhabbii ykn badii isa darbe keessa dedebi'amuuf qabsicha injiifannoon xumuruun hin danda'amne. Dhaloonni amma jiru ciminaa fi dadhabina qabsoolee turan kan ABO dabalatee, irraa barachuun Kaayyoo Qabsoo Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa saba Oromoo iddoon akka gahu abdi guddaatu jira.
Xummura
Qabsoon ummata Oromoo karaa dheeraa deeme keessatti, bahaa bayii guddaa argee jira. Akkasumas ta'ee, bu'aa guddaa galmeessuun ni dandahamaa turee. Hanqinnii maal irra akka madde, muraasan, kanaa olitti ibsuun yaalame jira.
Qabsoo walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa saba Oromoo ABOn hogganamaa ture laalchisee, kaayyoon isaa maal akka ture, maal galmaan akka gahe, ciminaa fi dadhabinni isaa maal ture, kan jedhuu fi kan kana fakkaatan, kutaa 2ffaa keessattii kan dhaloonni kun irraa baraachuu qaba jedhu ni dhiyaata.
Hubannaa Seenaa Egeree
Guyyaa: Ebla 8, 2026
Yaadaa: hubannaaseenaa@gmail.com
